Fana: At a Speed of Life!

Duulli Talaallii Ittisa Kaansarii Fiixee Balbala Gadaamessaa jalqabame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Duulli Talaallii Ittisa Kaansarii Fiixee Balbala Gadaamessaa eegalamuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Dhibeewwan kaansarii talaalliin ittifamuu danda’an keessaa kaansariin fiixee balbala gadaamessaa isa tokko ta’uu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daaryektarri Daayrektooreetii fayyaa haadholii, daa’immanii fi dargaggootaa Obbo Abbabaa Baqqalaan ibsaniiru.

Kaansariin fiixee balbala gadaamessaa dubartoota umurii da’umsaa keessatti argaman miidhuu fi ajjeesuun kan beekamu ta’uu eeraniiru.

Kaansarii fiixee balbala gadaamessaa talaalliidhaan ittisuun kan danda’amu yoo ta’u, talaallichi bu’a qabeessa kan ta’u walqunnamtii saalaa raawwachuu osoo hin jalqabiin yoo fudhatame akka ta’e ibsaniiru.

Bara kana shamarran waggaa 14 kuma 528 fi 391’f talaallii kunnuuf guyyaa har’aa manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fi wiirtuulee talaallii yeroof qopha’anitti eegalamuu dubbataniiru.

Milkaa’ina duula talaallii kanaatiif maatiin shamarranii, barsiisonnii fi kutaan hawaasaa hundi gahee isaan irraa eegamu akka ba’an waamicha dhiyeessuu ragaan Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Talaalliin kaansarii fiixee balbala gadaamessaa kanaan dura marsaa lamaan kennamaa ture amma marsaa tokko qofaan kan kennamu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.