Fana: At a Speed of Life!

Eekkaa Kootabeetti haati vaayrasii koroonaatin qabamte daa’ima vaayrasicharraa bilisa ta’e deesse

Finfinnee, Caamsaa 17, 2012 (FBC) – Hoospitaala Eekkaa Kootabeetti haati vaayrasii koroonaatin qabamte takka daa’ima vaayrasicharraa bilisa ta’e deesse.
 
Dubartiin waggaa 34 vaayrasichi irratti argamuun hordoffiin taasifamaafii jiru, mucaa dhiiraa ulfaatina kiilo giraama 3.1 deessetti.
 
Samuudaa daa’imichaarratti qorannaa laabraatoorii taasifameen vaayrasicharraa bilisa ta’uun isaa barameera.
 
Haati daa’imichaa hordoffii yaala cimaa keessatti argamti.
 
Ministeerri Fayyaa akka beeksisetti haatittiin wallaansa baqassanii yaaluun nagayaan deessetti.
 
Vaayrasichi yeroo ulfaatti haadhaa gara daa’imaatti carraan darbuu isaa dhiphaadhas jedheera.
 
Da’umsaan booda garuu tuttuqqii fi yeroo harma hoosisanitti darbuu akka malu ministeerichi eerera.
 
Kanaaf qulqullina harkaa fi fuulaa (saamunaadhan dhiqachuu) eeguu, afaanii fi funyaan haguuggachuu, mana keessa qilleensi ga’aan akka seenu taasisuu, wallaansa yaalaa hordofuu, mallattoon dhibee vaayrasichaa yoo muul’ate gara mana yaalaa geessuun ni barbaachisa jedhameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.