Fana: At a Speed of Life!

Ergaa bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa darbe

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kabaja Ayyaana Cuuphaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Ayyaanni Cuuphaa guutuu biyyattiittis ta’ee magaalaa Finfinneetti ayyaanoota sirna hoo’aan kabajaman keessaa isa tokko ta’uu ibseera.

Ayyaanichi hambaa addaa Manni Amantaa Ortodoksii addunyaaf gumaachite keessaa tokko yoo ta’u, kan Ityoophiyaanoonni hundi ittiin boonan ta’uu ibsa isaan eereera.

Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa bara kanaa bakka Ityoophiyaanoonni biyya alaa jiraatan waamicha biyyaa fudhachuun gara biyyaa dhufanii fi hordoftoonni amantichaa hedduun argamanitti sirna hoo’aa ta’een kabajamuu eereera.

Ayyaanichi haala barsiifata amantichaa eegeen jaalalaa, nageenyaa fi afuura waloon kutaalee magaalaa Finfinnee 11 keessatti Taabonni 266 addabaabayiiwwan cuuphaa 72 irra buluun karaa nagaan gara teessoo isaatti deebi’uu himeera.

Yaaliin farreen nageenyaa Ityoophiyaan akka nagaa hin qabne fakkeessuuf ummata gidduutti walshakkii uumuu fi sirna kabaja ayyaannichaarratti waliitti bu’iinsa uumuuf karoorfatanii socho’aa turan hirmaannaa oolaanaa ummanni biyyattii taasiisaniin fashalaa’uun rakkoo tokko malee karaa nagaan kabajamee xumuramuu ibseera.

Kun akkuma jirutti ta’ee magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Araadaa mana Amantaa Giyoorgisii cinaatti gochaan walitti bu’iinsaaf ka’umsa ta’uu fi daraan qaanessaa ta’e, akkasumas naannoo daangaa magaalaa Buraayyuutti Taabonni gara Teessoo isaatti galuuf ture sababa walitti bu’iinsa uumameen gufachuun sababa kanaan lubbuu namaa darbeef bulchiinsi magaalichaa gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibseera.

Mootummaan qaamolee badii kana uumaan adda baasuun tarkaantii fudhachuu kan eegale yoo ta’u, kanneen hafanirrattis tarkaanfii fudhachuu kan itti fufu ta’uu himeera.

Ayyaanni Cuuphaa bifa hoo’aa ta’ee fi karaa nagaan akka kabajamu jiraattootaa fi hordoftoota amantichaa hirmaannaa olaanaa taasiisan galateeffateera.

Ammas Yaa’iin hoggantoota Afrikaa magaalaa Finfinneetti yeroo itti aanu gaggeeffamu karaa nagaan akka xumuramu simannaa bareedaa fi tajaajila si’ataa laachuuf caalmaatti akka qophooftan ergaa dabarsina jedheera.

Nageenya magaalichaa mirkaneessuun badhaadhina Ityoophiyaa milkeessuuf hojii eeggalle cimsinee itti yaa fufnu jechuun ergaa dabarseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.