Fana: At a Speed of Life!

Ergaa xiyyaarrii Yuukreen doggogoraan misaa’eliin rukutamee kufee booda Iiraan namoota hedduu to’annoo jala oolchite

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Ergaa xiyyaarrii Yuukreen doggogoraan misaa’eliin rukutamee kufee booda Iiraan namoota hedduu to’annoo jala oolchuu ishee manni murti biyyitti beeksise.

Dubbii himaan biyyattii Golamhosee Esmaayil dhimmicharratti qorannoon gaggeefamuu itti fufeeraa jedhan.

Preezedantin Iiraan Hasan Roohaanii dhimmichii mana murtii addaan akka hordofamu dubbataniiru.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yuukreen balaliin PS752 Roobii darbe akkuma lafaa ka’een rukutamee kufee, namoonni keessa turan 176 hundi du’aniiru.

Baayyeen isaanii lammilee Iiraanii fi Kaanadaa turan. Iiraan balaan erga uumamee booda guyyoota sadiif humni waraanaa ishee xiyyaaraa kana akka hin rukunne haaluun rakkoo teeknikaati jechuun waakkachaa turte.

Iiraan xiyyaarichi misaa’ela Ameerika itti fakkaachuun akka rukutan amananiiru.

Preezedantii Iiraan Rohaanii dhukaasa misaa’elicha balleessaan nama tokko qofa miti jedhaniiru.

Qondaaltonni Iiraan taatichaa ergaa amananii boodaa lammiileen Iiraan mootummaasaaniitiin ni sobdan jechuun hiriira mormii ba’aaniru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.