Fana: At a Speed of Life!

Faayidaa Soomni Fayyaa namaaf qabu

Finfinnee, Bitootessa 2, 2016 (FBC) – Soomni Guddaan Hordoftoota Amantaa Ortodoksii Waloomaa fi Hordoftoota Amantaa Islaamaa Ramadaanni har’a eegaleera.

Soomanni kunneen hordoftoota amantaalee lamaanuu biratti Sooma bakka guddaa qabaniidha.

Soomni sirna amantaa keessatti barsiifata iddoo olaanaa qabuudha.

Sooma jechuun fedha qaamaa fedha lubbuu jala galchuu fi waan namni jaalatu hunda irraa of qusachuu jechuu akka ta’e amantaaleen ni himu.

Jaalala rabbii barbaaduuf waan lubbuun feetu dhiisuu ta’uu barsiisu.

Guyyaan sa’aatii 16 -18 osoo midhaan hin nyaatiin turuun fayyaaf faayidaa qabaachuu qorannoon yeroo adda addaatti gaggeeffame ni mul’isu.

Soomni Fayyaa Namaaf faayidaalee hedduu qaba:-

-Hanga sukkaaraa dhiiga keessatti argamu to’ata

Keessattuu namoonni dhibee Sukkaaraa qabaniif Soomni kan gorfamu ta’uu qorannoon yeroo garaagaraa gaggeeffame ni agarsiisa.

-Dhiibbaa Dhiigaa fi hanga Koleestiroolii to’achuuf faayidaa qaba jedhame.

-Furdinaa fi ulfaatina qaamaa hir’isuuf

-Dandeettii hojjechuu Sammuu namaa saffisisa,

-Dhibeewwan Narviin walqabatan ni ittisa,

-Kaansarii ittisuu fi sirni bullaa’insa nyaataa akka saffisu kan gargaaru ta’uu ragaan ‘Health Online’ irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.