Fana: At a Speed of Life!

Fardi Aadaa fi seenaa Oromoo keessatti kabaja akkamii qaba?

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Fardi seenaa fi aadaa Oromoo keessatti bakka addaa qaba. Hariiroon fardaa fi Oromoo gidduu jirus baayyee adda. Oromoon durii kaasee yeroo waraanaa, gaddaa fi gammachuu Fardatti dhimma baha.

Ityoophiyaatti fardatti dhimma bahuu kan dursee eegale Oromoo ta’uutu dubbatama. Sosochiin Oromoo jaarraa 16ffaafi waraanni Adwaa utuu Fardi Oromoo hin jiru ta’e hin milkaa’u ture.

Hariiroo Oromoon farda waliin qabu durii kaasee hanga har’aatti ittifufeera. Oromoon Abbaa Fardaa waan ta’eef Farda ni jaallata.

Oromoon waa sadiif Farda jaallata. Tokkoffaa, Fardi amanamaadha. Abbaan fardaa yoo kufe gatee hin qajeelu.Lammaffaa fardi Caffee oola. Caffeen ammoo bakka magariisaa fi qabbana akkasumas bakka marii hayyuufi waayyuuti. Sadaffaa Fardi ayyaana qaba. Fardi haadhasaa hin gaanu; hin korus. Kun Farda beelladoota hundarraa waan adda isa taasisa.

Oromoo Farda bifasaarratti hundaa’uudhaan maqaa moggaasa.

Farda adii Shaashoo, Farda gurraacha Shaanqoo, farda diimaa Daamaa, farda daalacha Daalee, farda magaalaa Bulloo jedhee moggaasa.

Abbaan fardas Abbaa Daalee, Abbaa Shaanqoo, Abbaa Bulloo, Abbaa Daamaaf i Abbaa Magaal jedhamee faarfama. Abbaan fardaa, Farda ni soora, ni kunuunsa, ni tikfata, ni mararfata. Ittiin dhaadata, ni abdata fedhu ittiin lola. Fardi tokko tokko dhiira kuma caala. Humni konkolaataayyuu humna fardaan madaalama.

Oromoo biratti fardi gumaa qaba. Fardi, eebboo fi gaachanni Oromoo biratti kabajaa fi jaalala guddaa qaba. Fardi Oromoo biratti mallattoo gootummaati. Abbaan Farda lubbuu isaa caalaa jaalata.

Oromoon farda ilmoosaarraa gargara baasee hin ilaalu.

Oromoon fardaan dabaala;itti foggala, ittin duula akkasuma ittin geerara. Fardi Oromoof mallattoo gootummaati.

Artisti Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa “Gaafa Gaarreen Adwaa, gaafa Maqalee sanii, nu miti farda keenya ni beeku bareechanii; “ jedhee waa’ee gootummaa Oromoo fi Farda Oromoo sirbee addunyaatti hime.

Obbo Waajjiraa Waajjisoo abbootii Fardaa Torban Aadaa Oromiyaa Bitootessa 18-20 bara 2014’tti Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Shaashimanneetti kabajameratti agarsiisa fardaa dhiyeessan keessaa isaan tokko. Godina Arsii Lixaa, Aanaa Nagallee Arsii irraa kan dhufan. Obbo Waajjiraan Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, fardi aadaa fi seenaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. Fardi Oromoo biratti kabajaa guddaa qaba. Fardi yeroo fuudhaafi heerumaa, duulaa, gammachuufi gaddaa kan barbaachisu ta’uu himu.

Oromoon ilmoo fardaa garbuu nyaachisee, mana itti ijaaree guddisuun waggaa afur booda luugamaafi gilaasii irra godhee mi’asaa guutee yaabbata kan jedhan,Obbo Waajjiraan, aadaa Oromoo keessatti fardi yeroo fuudhaaf heerumaa, duulaafi gammachuu dhimma baasa.

Oromoon gaachanaa fi eeboo qabatee farda yaabbatee duula.

Kabaja fardi aadaafi seenaa Oromoo keessatti qabu dhaloota ittaanutti dabarsuuf hojjechaa jiraachuufi Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas aadaafi dhuudhaan kun dhalootatti akka darbuuf gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Obbo Shabbiyyoo Waarituus abbootii fardaa Aanaa Nagallee Arsiirraa ayyaanicharratti argaman keessaa isaan tokko yoo ta’an, Oromoon fardaan lolee diinasaa ofirraa dachaasa.

Abbootiin keenya eeboofi gaachana qabatanii fardaan lolanii diina Oromoofi Oromiyaa haleelanii achi fageessuun injifannoo boonsaa galmeessisaniiru.

Kanaaf, fardi kabajaa guddaa qaba. Bareedinni fardaa kan konkolaataa waan caaluuuf warri Caffee, warri fardaa, warri aadaa hordofan fardaan fuudhaafi heerumaa jiru. Aadaafi duudhaa bareedaan kun dhaloota ittaanutti akka darbuuf hojii guddaatu nurraa eegama jedhu.

Oromoon fardasaa garbuu soora, nafasaa ni dhiqa, bakka inni bulu ni qulqulleessa, luugama, gilaasiifi mi’asaa hunda guuteefi fardasaa yaabbatee ittiin garmaamuun ykn gulufsiisuun ittiin bashannana. Fardi eegumsiifi kunuunsi barbaachisuuf taasifame kun yeroo bakkee ba’u gammadee garmaama jedhu.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.