Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi Yuunvarsiitii Walwaaloo Aaddagiraat dorgoommirraa dhorke

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC) – Federeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Yuunvarsiitii Walwaaloo Aaddagiraat dorgommii kamiiyyuurra dhorkuu beeksiseera.

Federeeshinichi garichaaf xaalayaa barreesseen, waggaa darbee taphattoota garicha tajaajilan 8 waliin walqabatee murtoon haqaa guyyoota 10 keessaatti akka laatamuuf daangaa yeroo kennee turuu beeksiseera.

Yaa ta’u malee garichi murtoo qaama haqaan darbe kana yeroo murtaa’ee keesssaatti raawwachuu akka hin dandeenye ibseera.

Kanarraa ka’uun Federeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa garichi tajaajila kannamu kamuu akka hin argannee dhorkuusaa beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.