Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin daa’ima badde barbaaduuf poolisii Afrikaa Kibbaa waliin hojjechaa jira

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC)  – Feesbuukiin daa’ima badde barbaaduuf poolisii Afrikaa Kibbaa waliin hojjechaa jira.

Feesbuukiin daa’ima baddee barbaachisuuf sagantaa Ambar Aleert jedhamu biyyoota Afrikaatti yoo beeksisaan Afrikaan Kibbaa saganticha hojiirra oolchuuf adda duree taateetti.

Ambar Aleert bifa daa’ima baddee, uffanna ishee, haala rifeessa mataashee fi suuraa ishee fayyaddamtoota feesbuukiif odeeffannoo erguun barbaada jira jedhame.

Gochi kun poolisiin Afrikaa Kibbaa teessoo daa’ima baddee salphaatti argachuuf nu gargaara jedheera.

Daayreektarri nageenyaa Feesbuukii Emilii Vaachaar Ambar Aleert sagantaan daa’ima baddee barbaaduu biyyoota addunyaa 20 tajaajila laacha jira jedhaniiru.

Afrikaatti yeroo jalqabaaf poolisii Afrikaa Kibbaa waliin hojjechuu isaanii akka isaan gammachiise himaniiru.

Maddi:- Bizinaasi Afrikaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.