Fana: At a Speed of Life!

Fiigicha Daayimand Liigii eda gaggeeffameen Atleetoonni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Fiigicha Daayimand Liigii eda Moonaakootti gaggeeffameen Atleet Warqiwuhaa Geetaachoo injifateerti.

Atleet Warqiwuhaa Geetaachoo fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 daqiiqaa 9:06.19 xumuruun 1ffaa yoo baatu, Atleet Zarfee Wandimmaaganyi daqiiqaa 9:06.63 xumuruun 2ffaa baateerti.

Fiigicha meetira kuma 3 dhiiroota gidduutti fiiggameen ammoo Atleet Barrihuun Aragaawwiin daqiiqaa 7:26.81 sadarkaa 2ffaan xumuruu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.