Fana: At a Speed of Life!

Fuula inistaagiraamii Phaaphaasi Firaansisin erga suurri modeelii ‘like’ godhamee qorannoon eegale

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC) – Fuula inistaagiraamii Phaaphaasii Katoolikii Firaansisiin suuraan moodeelii Biraaziil ‘like’ godhamuun booda waldaan Vaatikaan qorannoo gaggeessaa jira.

Fuulli ykn akkaawuuntiin kun suuraa Nataliyaa Gariboto kan yeroo isheen yunifoormii mana barumsaa uffattee agarsiisu yoom akka jaallate ykn ‘like’ kan godhe hin beekamu.

Miidiyaaleen kana gabaasuu kan eegalan Jimaata, utuu akkawuntichi suuraa sana deebisee isa jaalate kan haquun ykn ‘unlike’ gochuun duradha.

Qondaaltonni Holy See jechuunis bulchiinsa Mana Kiristaanaa Kaatolikii akkaawuntiin Phaaphaasichaa suuraa kana akkamiin jaallate isa jedhu qorachaa akka jiran gabaafameera.

“Suuraan kun kan “like’ godhamee Holy See’n akka hin taane mirkaaneessu dandeenya kanaaf inistaagiraamni ibsa akka nu kennuuf gaafanneera,” jechuun dubbiin himaa Vaatikaan gazeexaa Za Gaardiyaanitti Kamisa himaniiru.

Fuulli ykn akkaawuntiin Phaaphaasichaa maqaa franciscus jedhuun jiru hordooftoota miiliyoona 7.4 qaba.

Maddeen waajjira miidiyaa Vaatikaanitti siqan Kibxata Kaatoliik Niws Ejansiitti akka himanitti akkaawuntiin sun “gartuu hojjattootaan kan hogganamudha.”

Aadde Girabitoo turte kan jalqaba gocha kana agarte. “Yoo xiqqaate jannata nan seena,” jechuun Twuutara gubbaatti barreessiteetti.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.