Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin Ameerikaan Kooriyaa Kaabaarra qoqqobbii kaa’uuf dhiyeessite Chaayinaa fi Raashiyaan kufaa ta’e

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Gaaffiin Ameerikaan Kooriyaa Kaabaarra qoqqobbii kaa’uuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif dhiyeessite Chaayinaa fi Raashiyaan kufaa ta’e.

Kooriyaan Kaabaa irra deddeebiin Miisaa’ela Baalaastikii furguggisuu hordofee gaaffii Ameerikaan namoota Kooriyaa Kaabaa shanirratti qoqqobbii kaa’uuf dhiyyeessite Chaayinaa fi Raashiyaan kuffifamuu ibsameera.

Biyyoonni lameen gaaffii Ameerikaa kufaa taasisuun Ameerikaarratti dhiibbaa geessisu kan hin qabne ta’uu miseensi Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Ambaasaaddar Liindaa Toomaas Giriinfiild ibsaniiru.

Qoqqobbichi dhaabbilee Kooriyaa Kaabaa Chaayinaa waliin hidhata qaban irratti ta’uu ibsameera.

Maddi:- TRT Woorlid

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.