Fana: At a Speed of Life!

Gaaffin abbaan seeraa nuuf yaa jijjiirramuun obbo Jawaarfaan dhiyeessan fudhatama hin arganne

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Gaaffin abbaan seeraa nuuf yaa jijjiirramuun obbo Jawaar Mahaammadfaan dhiyeessan fudhatama hin arganne.
 
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa obbo Jawaar Mahaammadfaan iyyata dhiyeeffatanirratti yaada laatera.
 
Iyyannoon dhiyaate ragaadhan kan deeggaramee mitiin gaafficha fudhatama dhabsiisera.
 
Dhaddachichis abbaa seeraa kanaan dura tureen kan ilaalamu ta’a jedhameera.
 
Galmee Jawaarfaa jalatti namoonni tarraa’an 14 har’a mana murtii dhiyaataniiru.
 
Obbo Daawiit Abdataan garuu vaayrasii koroonaatin shakkamee hin dhiyaanne.
 
Obbo Jawaarfaan dheengadda abbaan seeraa galmee keenyarraa nuuf yaa kaafamuun iyyata dhiyeeffachuun isaanii ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.