Fana: At a Speed of Life!

Gabaasni Faayinashiyaal Taaymiis dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee baasee dhugaa jiru giddugaleessa kan godhate miti

Finfinnee, Adooleessa 23, 2013 (FBC)- Gabaasni Faayinashiyaal Taaymiis dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee baasee dhugaa jiru giddugaleessa kan godhate miti.

Gabaasni barruun Faayinashiyaal Taymiis jedhamu haala yeroo naannoo Tigraay ilaalichisee baase gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa haleeluun walitti bu’insa kanaaf sababaa ta’uusa kan hin agarsiifne, Murtee mootummaan gama isaan waranaa dhabuu fudhate dhiisee daa’imman osoo hin hafne lola irratti himachisaa jirachuu garichaa fi haala qabatama dhugaa lafarra jiru giduugaleessa kan godhate miti jedhame.

Gabaasa madalawaa hin taane kana ilaalichisuun Ameerikaatti Koreen dhimma Ityoophiyaanoota xalayaa mormii dhaabbatichaaf barreessera.

Korichi Barruun kun dhimma gargaarsa namoomaa fi kanneen biroo gaaffii mootummaaf dhiheesse maaliif garee shororkeessaa TPLF dhiihessuu akka dhiise cimsee gaafatera.

Barrichi maaliif gareen shororkeessaa kun Raayyaa Ittisa biyyaa haleeluun walitti bu’insichi akka jalqabee barreessuu akka dhiisees gaafateera.

Gama isaan mootummaan murtoo waraana dhaabuu fudhatuus garichi lolicha gara naannoolee ollaatti babaal’isaa akka jiru gabaasicha keessatti hamatamuu dhabuun sirri akka hin taanes eeramera jedhameera.

Gareen shororkeessaa kun daa’imman lolarratti hirmachisaa jira.

Barruun kun kana gochaa seera idil addunyaa cabse kan maaliif gabaasa isaa ammaa baase keessatti akka hin eerres gaafatameera jedhameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.