Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa biyyoota miseensa IGAD’f deeggarsa meeshaalee yaalaa taasiise

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa biyyoota miseensa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa ‘IGAD’f deeggarsa meeshaalee yaalaa taasiisuu ibsameera.
Gamtichi Ityoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa dhaabbatichaaf haguuggi Fuulaa yaala Baqaqsanii yaaluu miiliyoona 3.5, Ambuulaansiiwwan 24, Laabraatoorii sosocha’aa fi meeshaalee qorannoo Covid -19 deeggarsa taasiiseera.
Wayita weerarri vaayrasii koroonaa daraan hammaachaa dhufetti deeggarsi taasiifame baay’ee murteessaa ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan dubbataniiru.
Ityoophiyaatti yeroo ammaa namoota qorannoon laabraatoorii taasiifameef 4 keessa nama tokko irratti vaayrasichi argamaa jira jedhan.
Waliigala deeggarsi guyyaa har’aa taasiifame naannichatti tattaaffii weerara Covid -19 ittisuuf taasiifamaa jiruuf cimsuuf kan fayyadu ta’uu eeraniiru.
Deeggarsichaan lammiilee naannoo Mooyalee, Matammaa fi Gaambeellaa Kumruukitti argamaan fayyadamoo taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen eeraniiru.
Gamtaan Awurooppaa biyyoota naannichaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 60 ramaduun hojjechaa jiraachuu himameera.
Akka EBCn gabaaseetti Barreessaa Olaanaan Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoohu deeggarsi Gamtaan Awurooppaa taasiisaa jiru cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.