Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa dhaabbileen Raashiyaarraa Gaazii bituu akka itti fufan karoora dhiyaaterratti waliigale

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Biyyoonni Miseensa Gamtaa Awurooppaa qoqqoobbii Raashiyaarra kaa’aan haala hin faallessineen dhaabbileen biyyattiirraa Gaazii bituu akka itti fufan karoora dhiyaaterratti waliigalaniiru.
Akkaataa waliigaltee haaraa Aanga’oota Gamtaa Awurooppaan dhaabbileen Gaazii Raashiyaarraa wayita bitan haala qajeelfamaa kaffaltii haaraa ba’een Doolaaraa fi Yuuroon dursaanii raawwachuu qabu jedhame.
Dhaabbileen idil addunyaa yeroo kaa’ameef keessatti ulaagaalee barbaachisu guutuun kaffaltii baatii kana keessa akka raawwatan Raashiyaan akeekkachiifteerti.
Kun yoo hin taane haaluma baatii darbe keessa dhiyeessii ishee Bulgaariyaa fi Poolaandirraa kutte, dhaabbilee kanneenirraas adda kan kuttu ta’uu Raashiyaan hubachiifteerti.
Dhimmichaan walqabatee Fiilaand gamanumaan ejjennoo Raashiyaa mormuu eegaluu ishee RT gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.