Fana: At a Speed of Life!

Garee Atleetiksii Shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonii Poolaand Giidiiniyatti hirmaateef baadhaasni laatame

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Jila Atleetiksii Shaampiyoonaa Walakkaa Maaraatoonii addunyaa 24ffaa Poolaand magaalaa Giidiiniyaatti gaggeeffame irratti hirmaachuun injifannoon deebi’eef badhaasni laatameera.
 
Garee Atleetiksii addunyaarraa 2ffaan xumuruun qabxii olaanaa galmeessise kanaaf badhaasni onnachiiftuu laatameera.
 
Sirna badhaasaa fi Beekkamtii kan irratti Preezdaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Komaanda Daraartuu Tulluu dabalatee hoggantoonni Atleetiksii hedduun argamaniiru.
 
Sirni kun har’a waaree boodaa Hoteela Xirunash Dibaabaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti gaggeefameera.
 
Federeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa waliigalaan Birrii kuma dhibba 2 fi kuma 80 atleetota kanneen badhaasera.
 
Jilli dubartootaa Shaampiyoona kanarratti hirmaate gareedhaan meedaaliyaa Warqii yoo argatu, dhiiraan immoo gareedhan meedaaliyaa Meetii yoo argateera.
 
Dhuunfaadhaan Koorniyaa lameeniin 3ffaa ba’uun meedaaliyaa Nahaasa argataniiru.
 
Waliigala addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumuruu isaa ragaan Federeshiniin Atleetiksii Ityoophiyarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.