Fana: At a Speed of Life!

Gareen kubbaa miillaa dubartoota Ityoophiyaa gitasaa Buuruundii 5f 0dhaan injifate

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Gareen kubbaa miillaa dubartoota biyyoolessaa Ityoophiyaa umrii waggaa 20 gadii tapha gulaallii waancaa addunyaatin har’a Buuruundii waliin taphachuudhan 5f 0dhaan injifateera.
 
Waancaan addunyaa dubartootaa 10ffaan umrii waggaa 20 gadii baranaa qopheessummaa Koostaariikaa fi Paanaamaatiin gaggeeffama.
 
Gareen biyyoolessaa Ityoophiyaatis gulaalliif Buuruundii Bujuumburaatti gitasaa waliin taphateera,
 
Tapha waancaa addunyaa kanarratti biyyoota 16tu hirmaata.
 
Ityoophiyaanis garee Afrikaa bakka bu’uun hirmaatu lama keessaa takka ta’uuf dorgomti.
 
Gareen biyyoolessaa Ityoophiyaa kun taphattoota 26 fi leenjisaa kan hammatedha.
 
Dheengadda gara Bujuumburaatti kan imale garichi istaadiyamii taphichi itti gaggeeffamu Inwaaraarratti shaakallii hojjeteera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.