Fana: At a Speed of Life!

Gareen kubbaa miillaa Waaliyaa Gulaallii Waancaa addunyatif boruu ni taphatu

Finfinnee, Fulbaana 28, 2014 (FBC)- Gareen Biyyaalessa  kubbaa miillaa Ityoophiyaa Waaliyaan gulaallii sadaffaa Waancaa addunyatiif guyyaa boruu Magaalaa Baahir Daaritti garee kubbaa miillaa Afrikaa Kibbaa waliin kan taphatu ta’uu ibsameera.

Gareen kubbaa miillaa Waaliyaan waancaa addunyaa bara 2022 Kuwaataaritti gageeffamuuf  ramaddii 7ffaan tapha gulallii Gaanaa, Zimbaabuwee fi Afrikaa Kibbaa waliin akka taphattuuf ramadamuun ishee ni yaadatama.

Gareen kubbaa miillaa Ityoophiyaa kanaan dura tapha Gaanaa waliin taphateen 1 fi 0 injifatamuu fi garee kubbaa miillaa Zimbaabuwee 1 fi 0 injifachuun isaa kan yaadatamudha.

Gareen kubbaa miillaa Waaliyaa garee ramadicha qabxii afuriin dursu garee kubbaa miillaa Afrikaa waliin Isaadiyeemii idil addunyaa Baahir Daaritti kan taphatu ta’a.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.