Fana: At a Speed of Life!

Giiftii dureen Kaanaadaa fi Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Bitootessa 4,2012 (FBC)- Haati warraa muummee ministiraa Kanaadaa Soofiyaa Griigoorii Truudoo fi Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan vaayrasii koroonaan qabamuun ibsame.

Soofiyaa Griigoorii Truudoon qorannoo taasisaniin dhibichaan qabamuun isaanii mirkanaa’era jedhan dubbi himaan muummee ministiraa biyyatti.

Soofiyaa Griigoorii Truudoon guyyoota 14f qophaatti foo’amuun yaalamaa jiraachuu dubbi himaan kun beeksisaniiru.

Muummeen ministirraa Jaastiin Truudoon sodaa vaayrasichaaf qophaa jiraachuuf murteessaniiru jedhame.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettanis dhibichaan qabamuun yeroo ammaa yaalarra jira jedhame,

Taphattoonni Arsenaal baayy’en isaanii vaayrasii kanaan qabamuutu ibsame.

Maddi:-CGTN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.