Fana: At a Speed of Life!

Godina Asoosaatti Mixaaxessi Kiiloogiraama 15 madaalu oomishame

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Gumuz Godina Asoosaa aanaa Kurmuukitti Mixaaxessi tokko Kiiloo Giraama 15 madaalu Ooyiruu qonnaan bulaa keessaa argame.

Aanicha Ganda Hushar Gumaattii Ooyiruu Qonnaan bulaa keessaa Mixaaxessi Kiiloo Giraama 15 madaalu argamuu Itti Gaafataamaan Buufata Misooma Qonnaa gandichaa Obbo Umar Afandiin ibsaniiru.

Ooyiruu qotee bulaa Obbo Hasaan Baaboo jedhamu keessatti Mixaaxessi Kiloogiraama 15 madaalu kun yeroo jalqabaaf argamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Kurmuuk irraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaatti kana dura Mixaaxessi Kiloogiraama 23 madaluu Magaalaa Jiinkaatti galma’uun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.