Fana: At a Speed of Life!

Godina Beench Shakkootti haati tokko daa’immaan 4 nagaan oofkalte

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC)- Godina Beench Shakkoo aanaa Beench Kaabaa ganda Koosookoolitti haati tokko daa’immaan 4 nagaan oofkalteetti.

Haati aadde Abnaash Kaaytinaab jedhamtu kun dhiira 3 fi durba 1 waliigalaan daa’imman 4 nagaan oofkaluu itti gaafatamaan buufata fayyaa aanichaa obbo Shifarraaw Daakaan himaniiru.

Yeroo amma kanas daa’immaan arfan fayyaa gaariirra jiraachuu himaniiru.

Daa’immaan kunneenis ulfaatina giraama 1.39 hanga 1.815 akka qaban beekameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.