Fana: At a Speed of Life!

Godina Harargee Lixaatti Harreen Lakkuu dhalte

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuu gandaa Burqaa Odaatti Harreen Lakkuu dhaluu dhagahame.

Harreen tun kana dura yeroo tokko ilmoo tokko qofa dhalaa kan turte yoo ta’uu, amma lakkuu dhaluu ishee abbaan qabeenyaa Harree tanaa Arab Naasir Abubakar ibsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Aanichaarraa argame ni mul’isa.

Taatee agarree fi dhageenyee hin baakne Harree Lakkuu dhaluu aggerre jedhan Bulchaan gandaa Burqaa Odaa Obbo Siraj Adam.

Taateen harreen lakkuu dhaluu akkuma addunyaattuu baay’inaan hin mul’atu.

Harreen ilmuma takka dhalti, Akka saayinsiittis waan baramaa miti, Taateen akkanaa kana dura uumamee hinbeeku jedhan Waajjira Qonnaa Aanaa Burqaa Dhintuutti Abbaan Adeemsaa Eegumsa Fayyaa Beeyladaa Dooktar Birhaanuu Bahaaruun.

Wantu kun baramaa ta’uu baatullee uumamuu akka malu kaasaniiru.

Taatteen kun erga uumamee booda fayyaa bukuriiwwan dhalatanii hordofaa jiraachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.