Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti kutaaleen hawaasaa garaagaraa Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjooman

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2015 (FBC) – Godina Jimmaatti kutaaleen hawaasaa garaagaraa mata duree “dhiigakoo raayyaa ittisa biyyaaf” jedhuun Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjoomaniiru.

Godinichatti ummatni aanoolee garagaraa dhiiga arjoomaa jiru jedhame.

Guyyaa har’aas jiraattootni aanaa Qarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Sirnicharratti hojjattootni mootummaa, hoggantootni, ogeeyyiin fayyaa, barsiisootnii fi barattootni argamuun dhiiga arjoomaniiru.

Ummatni aanichaa guyyaa har’aa waliigala dhiiga yuuniitii 400 arjoomuu isaanii ibsameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.