Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaa aanaalee 13 keessatti milishoonni leenjii loltummaa fudhataa turan eebbifaman

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa Aanalee 13fi magaalaa tokko keessatti milishoonni leenjii loltummaa fudhachaa turan eebbifamaniiru.
Akka OBN gabaaseetti milishoonni kumni 2 fi 375 leenjii addaa ji’a tokkoof marsaa 2ffaan fudhataa ture eebbifamaniiru.
Leenjitoonni kunneen Filannoon marsaa 6ffaa karaa nagaan akka gaggeeffamu kan hojjetan ta’uu ibsuun, hawaasni yaaddoo nageenyaa tokko malee bobba’anii akka galaniif xiyyeeffanoon ni hojjetann jedhaniiru.
Leenjiin addaa milishootaaf kenname ogummaa loltummaa duraan qaban cimsuu fi Godinicha keessaatti bakka rakkoon nageenya jiruutti dhaqqabuun humnoota farreen misoomaa ta’an barbadeessuun nageenya mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Axinaafuu Baqqalaa himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.