Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Kaabaatti haadhi tokko daa’imman 4 ofkalte

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa aanaa Wacaalee hospitaala Muka Xurriitti  haadhi tokko daa’imman 4 ofkalte.

Daa’imman ciniinsuun dhalatan keessaa 3 dhiira yoo ta’an tokko dubara ta’uu hospitaalichatti ogeessi gadameessaa fi yaala baqaqsanii hodhuu Dooktar Habtaamuu Tulluu Faanaa Broodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Daa’imman dhalatan fayyaa guutuurratti kan argaman ta’uu fi yeroo ammaa hospitaala Minilikitti hordoffiin yaalaa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Daa’imman dhalatan yeroo dhalachuu qaban dursanii dhalachuu fi ulfaatinni daa’ima 2  kiiloo giraama 1 yoo ta’u kan warreen kaanii kiiloo giraama 1.2 fi1.5 ta’uu Dooktar Habtaamuun himaniiru.

Amaaraa Asraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.