Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaatti abbaan warraa fi haati warraa waggoota 75’f waliin jiraatan garaagarummaa sa’a 20 keessatti boqotan

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Iluu Galaanitti abbaan warraa fi haati warraa waggoota 75’f waliin jiraatan garaagarummaa sa’aa 20 keessatti du’aan boqochuun isaanii dhaga’amee.

Abbaa warraa fi haati warraa kun wayita lubbuun jiranitti ‘Ani du’ee atimmoo ji’atti na qaqqabda. Naaf gadditee kaatee na qaqqabda’ waliin jechaa turan.”

Taateen kun jiraattoota godinicha ganda Meettaa Kidaana Mihratitti biratti raajii uumeera.

Obbo Giilloo Toleeraa maanguddoo umrii waggaa 100 fi haati warraa isaanii Aadde Xuruu Bantii umriin waggaa 90tti bara 1939 irraa eegalee waggoota 75’f gaa’elaan waliin jiraachuu ilmi isaanii inni dhumaa Obbo Abarraa Giilloo himaniiru.

Maddi:- BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.