Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan farra malaammaltummaa addunyaa Finfinneetti kabajamaa jira

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) –Guyyaan farra malaammaltummaa addunyaa magaalaa Finfinneetti kabajamaa jira.

Guyyichi akka addunyaatti si’a 16ffaaf, akka Ityoophiyaatti ammoo si’a 15ffaaf Hoteela Skaay Laayititti kabajamaa jira.

“Naamusa gaarii ijaaruun, malaammaltummaarratti qabsaa’uun nageenyaa fi misooma keenya yaa mirkaneessinu.” mata duree jedhuun kabajamaa jira.

Waltajjicharratti af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, abbaan alangee waliigalaa federaalaa obbo Biraanuu Tsaggaayee, koomiishinarri Koomiishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa obbo Ayyalliny Mulu’aalam, abbootiin Gadaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, namoonni beekamoon, hoggansi siyaasaa, qaamoleen hawaasaa fi keessummoonni affeerraman argamaniiru.

Akka ragaan Fooramii Diinagdee Addunyaa agarsiisutti waggaatti malaammaltummaa raawwatamuun addunyaan qabeenya Doolaara Ameerikaa tiriiliyoona 3.6 ol dhabdi.

Afrikaarraa Doolaara biiliyoona 50 oltu gara alaatti baqfama.

Ityoophiyaa jalaa ammoo Birrii biiliyoona 35.5 oltu malaammaltummaadhan qisaasama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.