Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa Moskootti raawwatameen namoonni 60 ajjeefamuun gabaafame

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)- Haleellaa hidhattoonni konsartii muuziqaa Magaalaa Moskootti gaggeeffama jirurratti bananiin yoo xiqqaate namoonni 60 ajjeefamuun gabaafame.

Haleellichaan namoonni 100 ta’an madaa’uu dhaabbanni Tikaa Raashiyaa beeksiseera.

Kanneen haleellaa kana raawwatanis miliquun kan ibsame yoo ta’u, Miniseerri Dhimma Alaa Raashiyaa wanti raawwate ”haleellaa shororkeessummaati” jechuun balaaleffate.

Aangawoonni Raashiyaa kanneen haleellaa kana raawwatan adamsanii qabuuf humnoonni nageenyaa bobba’uu ibsaniiru.

Haleellaa kanaaf gareen IS itti gaafatama akka fudhatu ibseera.

Masaraan Ameerikaa Waayit Haawus jalqaba baatii kanaa ”Bakkeewwan namoonni baay’atanitti” haleellaan qiyyaafate mudachuu akka danda’u Raashiyaa akeekkachiisuu ibseera.

Haleellaan namoota nagaarratti raawwate kun haleellaa hamaa Raashiyaa keessatti raawwatan keessaa tokko ta’uu ibsamuu BBC’n gabaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.