Fana: At a Speed of Life!

Hinditti COVID-19 guyyaa tokkootti lubbuun namoota kuma 6 fi 148 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC)- Hinditti vaayrasii koroonaatin guyyaa tokkootti lubbuun namoota kuma 6 fi 148 darbeera.

Biyyattitti saa’atii 24 darbeetti sababa vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota kuma 6 fi 148 darbuu Ministeerri Fayyaa Hindi beeksiseera.

Hanga ammatti du’aa galmaa’ee keessaa kan ammaa isaa olaanaa ta’u Al Jaziiraan Ministeericha eeruun gabaaseera.

Yeroo ammaas biyyattitti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 29.2 yoo ta’u, saa’atii 24 darbe qofatti namoonni kumni 94 fi 52 vaayrasichan qabamaniiru.

Hanga ammaatti vaayrasichaan lubbuun namoota kuma dhibba 3 fi kuma 59 fi 676 darbeera jedhame.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.