Fana: At a Speed of Life!

Hinditti Rooba cimaa roobeen lubbuun namoota 35 yoo darbu, namoonni hedduun miidhamuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2014 (FBC) – Hind bulchiinsa Keeraalaatti Rooba cimaa roobeen lolaa fi sigiga lafaa muudateen lubbuun namoota 35 yoo darbu, namoonni hedduun as buuteen isaanii hin argamne jedhame.

Bulchiinsichatti Rooba cimaa roobeen lolaa fi Sigiga lafaan qabeenyaa fi lubbuu namaarraa miidhaa olaanaan qaqqabuu aanga’oonni biyyattii beeksiisaniiru.

Daa’immaan 5 dabalatee lubbuun namoota 35 yoo darbu namoonni hedduun as buuteen isaanii hin argamen jedhame.

Manneen jireenyaa, bu’uuraaleen misoomaa fi qabeenyi hedduun barbadaa’uu ibsameera.

Hojiin lubbuu baraaruu hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Maddi:-Al jazeera fi CGTN

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.