Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen walitti dhufeenya ummataa cimsan sadarkaa biyyaaleessatti ni hojjetamu – Ministeera Nageenyaa

Finfinnee, Gurraandhala18, 2012 (FBC) – Hojiileen walitti dhufeenya ummataa cimsuu danda’an sadarkaa biyyaaleessatti kan hojjetaman ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksiseera.
 
Hojiileen walitti dhufeenya ummataa cimsuu danda’an sadarkaa biyyaaleessatti hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamaa jiraachuu Ministeera Nageenyaatti daayreektarri ijaarsa nageenyaa obbo Wandiwasan Makkoonniin turtii Faanaa Broodkaastiing Koorpooreet waliin taasisaniin ibsaniiru.
 
Hojiileen kunneen cimanii akka itti fufaniif Ministeerichi kan hojjetu ta’uu ibsuun, waltajjiin marii hariiroo fi konfaransiin ummataa bal’inaan ni gaggeeffamu jedhan.
 
Naannoolee rakkoon itti mul’atu sirna araara fi jaarsummaa fayyadamuun nageenyi waaraa akka bu’uuf hanga caasaalee gaditti hojiin hojjetamaa jira jedhan obbo Wandiwasan.
 
Rakkoolee kanneen furuuf hayyoonni biyyattis ga’ee isaanii ba’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Hayyoonni Faanaa Broodkaastiing Koorpooreet waliin turtii taasisanis, lammiileen hundi nageenya qabeenya waloo godhachuun tokkummaa biyyaaleessaa uumuu qabu jedhan.
 
Walitti bu’iinsa naannoolee gidduutti uummamu hiikuu fi hariiroo ummataa cimsuuf lammiin hundi ga’ee isaa ba’uu qaba jedhan.
 
Zufaan Kaasahuuntu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.