Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Gursuum hojii eegale

Finfinnee, Caamsaa 26, 2013 (FBC) – Birrii miiliyoona 34 kan ijaarrame Hospitaalli sadarkaa jalqabaa aanaa Gursuum hojii eegaleera.
Jilli Itti aantuu Preezdaantii fi Qindeessituu kilaastera Misooma magaalota Oromiyaa aadde Caaltuu Saaniin durfamu aanaa Gursuumitti argamuun Hospitaala sadarkaa jalqabaa kana eebbisiiseera.
Hojii eegaluun Hospitaalichaa hanqina tajaajila yaala fayyaa hawaasa naannichaa ni fura jedhamee eeggama.
Mootummaan gaaffii ummataa deebisuuf damee fayyaarratti xiyyeeffannoo olaanaa laachuun hojjechaa jiraachuu aadde Caaltuu ibsaniiru.
Hospitaalichi jiraattoota aanaa Gursuumii fi aanaalee ollaa kuma dhibba 5 oliif tajaajila kennuu danda’a jedhame.NasirYesuuftu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.