Fana: At a Speed of Life!

Imaltoota Adwaatif sirni gaggeessaa taasifame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Imaltoota Adwaatif sirni gaggeessaa taasifame.

Sirni gaggeessichaa mooraa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Sirnicharrattis itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa, abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, imaltoonni Adwaa, gootonni durii fi keessummoonni argamaniiru.

Injiinar Taakkalaa Uumaan Adwaa gaafa yaadatan, miira keessa akka galanii fi injifattummaa abbootii fi haadholii akka yaadatan ibsaniiru.

Adwaan ajjeesuu, du’uun wareegama kaffaluurrayyuu, tokkummaa fi jaalalli biyyaa kan itti calaqqisedhas jedhaniiru.

Wiirtuu Adwaa magaalaa Finfinneetti ijaarramaa jiru yeroo gabaabaatti xumursiisuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru Injiinar Taakkalaan.

Imalli Adwaa, injifannoo Adwaa yaadachuu barana si’a 7ffaaf gaggeeffama.

Imala baranaarratti miseensonni 63 hirmaataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.