Fana: At a Speed of Life!

Indoonezhiyaatti kirkira lafaa uumameen hospitaalli jiguun lubbuun namota 34 darbe

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (FBC ) – Indoonezhiyaatti kirkira lafaa uumameen hospitaalli jiguun lubbuun namota 34 darbe.
Lubbuu baraartotni mana jijjige jalaa namoota oolchuuf yaalaa jiru. Hospitaalli Indoonezhiyaa iddoola Sulaweesii sababa kirikira lafaan gar-tokkeen jigee lubbuu galaafate.
Socho’i lafaa maginitiyuudii 6.2 tahe ganama kana uumamuun namootni dhibbaan lakkaa’aman madaa’an. Kumaatamni ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Indoonezhiyaatti socho’i lafaa fi Suunaamiin hamaan dhaqqabaa ture. bara Faranjoota 2008 keessa iddoola Sulawesii jedhamu keessatti namootni 2000 tahan du’aniiru.
Socho’i lafaa har’a uumamee lubbuu galafate kun sekondii 10 keessatti qofadha.
Dubbii himaan poolisii naannichaa akka BBCtti himetti humni ibsaa hospitaalicha keessaa yeroo socho’i kun uumamu adda citeera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.