Fana: At a Speed of Life!

Ispeeniitti maanguddoon umrii wagga 113 COVID -19 irraa dandamatan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Ispeeniitti maanguddoon umrii wagga 113 dhibee COVID -19 irraa dandamachuu isaanii aanga’oonni mootummaa biyyattii beeksisan.
 
Maanguddoon kun yeroo ammaa biyyattiitti hangafa nama hundaati jedhame.
 
Baatii Bitoottessaa bara Farnjootaa 2020 keessa ture maanguddoon kun vaayrasii koroonaan qabamuun isaanii kan mirkanaa’e.
 
Yeroo ammaas mallattoo salphaa irraan kan hafe fayyummaansaanii haala gaariirratti kan argamu ta’uu ibsameera.
 
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.