Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan hariiroo Dhaabbata Godaantoota Idil addunyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti – Ambaasaadaar Misgaanuu

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ityoophiyatti bakka buutuu Dhaabbata Godaantoota Idil addunyaa Abiibaatoo Weenfool waliin mari’ataniiru.

Haala Hariiroo Ityoophiyaa fi dhaabbatichaa caalmaatti cimsuun danda’amurratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Ityoophiyaan biyya Godaantoota hedduu simachuun keessummeessaa jirtuu fi buqqaatoota biyya keessaa qabdu taa’uu isheen hariiroo dhaabbata Godaantoota Idil Addunyaa waliin qabdu cimsuuf kan hojjettu ta’uu Ambaasaaddar misgaanuun eeraniiru.

Mootummaan hojiilee dhaabbatichi hojjetaa jiru tumsuuf murannoo qabaachuu Ambaasaaddar Misgaanuun mirkaneessaniiru.

Dhaabbanni Godaantoota Idil Addunyaa buqqaatoota biyya keessaa fi Idil Addunyaaf tumsa taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu Abiibaatoo Weenfool mirkaneessaniiru.

Hariiroon Ityoophiyaa fi Dhaabbatichaa dabalaa dhufuu eeruun, yeroo itti aanus dhimmoota godaantootarratti waloon hojjechuu kan itti fufan ta’uu beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.