Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan yaa’ii Paaworiing Afrikaa 6ffaa irratti hirmaatte

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan yaa’ii Paaworiing Afrikaa 6ffaa irratti hirmaatte.

Yaa’icharratti Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaay hirmaataniiru.

Ministirichi yaa’ichaan cinatti hoggantoota Baankii Ameerikaa Egziimii fi hoggantoota Baankii Addunyaa, miseensota Mana Maree Daldalaa Ameerikaa, Koorporeeshinii Misooma Faaynaansii Ameerikaa fi hoggantoota dhaabbilee misoomaa addunyaa waliin marii taasisaniiru.

Ityoophiyaatti dhiyeessii humnoota garaagaraa fi invastimantoota annisaa, sagantoolee misooma ispeesii fi dhimmoota waloorratti hojjechuuf mari’ataniiru.

Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa Dooktar Abrahaam Balaay, hawwaasa diippiloomaatota Waashiingitanitti argaman waliin dhimmoota biyyaa, siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaarratti mari’ataniiru.

Marichaanis sadarkaa Hidhi Haaromsaa irra jiruu fi hawaasa diippiloomaatotaarraayis deeggarsi akka barbaachisuu dhaamaniiru.

Hidhi haaromsaa guddichi xumuramee haga humna maddisiisutti motummaarraayis ta’e qaamolee gama hundaan jiran irraa deeggarsi akka barbaachisu Dooktar Abrahaam waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.