Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lammiilee miiliyoona 22f talaallii Ittisa vaayrasii koroonaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2014 (FBC) – Bara kana hanga walakkaa waggaatti lammiilee miiliyoona 22f talaallii Ittisa vaayrasii koroonaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksiise.

Hanga ammaatti lammiileen miiliyoonni 3 ol talaallii kana fudhachuu Inistiityuutichi ibseera.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Ministeera Fayyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hanga waggaa walakkaatti lammiilee miiliyoona 22f talaallicha laachuuf hojjetamaa jiraachuu itti aanaan Daayreektera olaanaa Inistiityuutichaa obbo Aschaalow Balaaynehin ibsaniiru.

Kanaafis Astiraazeenikaa, Joonsan anda Joonsanii fi Siinoo Faarmiin Dooziin miiliyoonni 10 bittaa fi deeggarsaan gara biyyaa galuu eeraniiru.

Hanga ammaatti haala umrii, Saaxilamummaa fi hojiirratti hundaa’uun lammiilee miiliyoona 3 oliif talaallichi laatamuu ibsameera.

Ityoophiyaatti hanga ammaatti namoota vaayrasichaan qabaman kuma dhibba 3 fi kuma 61 ol keessaa lubbuun namoota kuma 6 fi 333 darbuu obbo Aschaaloon ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.