Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 364 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 364 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 4,628 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 364 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 93,707 qaqqabaniiru.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 607 dandamachuun ibsameera.

Namoonni 44,118 yaalarratti argamu.

Namoonni 314 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 11 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,437 qaqqabeera.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4 fi kuma 49 fi 170 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.