Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota Vaayrasii HIVn qabaman keessaa % 67 dargaggoota ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 09, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti waggaa waggaan namoota namoota Vaayrasii HIVn qabaman kuma 11 fi 711 keessaa % 67 dargaggoota ta’uu waajjirri To’annoo fi Ittisa HIV Federaalaa beeksise.

Kanneen keessaas %63 dubartoota ta’uu fi % 24 ammoo daa’imman umurii 14 gadii ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa namoota kuma dhibba 6 fi kuma 22 ol keessatti Vaayrasiin kun kan argamuu yoo ta’uu,  kanneen keessaa namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 22 vaayrasichi dhiiga isaanii keessa jiraachuu kan hin beekne ta’uu Daayreektarri olaantuun waajjirichaa Dooktar Tsigeeradaa Kiflee ibsaniiru.

Walumaagalatti namoota vaayrasichi dhiiga isaanii keessatti argamu keessaa %62 dubartoota ta’uu fi waggaatti namoonni kumni 12 Vaayrasii kanaa fi dhibeewwan walqabataniin lubbuun kan darban ta’uu ibsameera.

Namoota vaayrasii kanaa fi dhibeewwan walqabataniin lubbuun isaanii darbu keessaa % 57 dubartoota yoo ta’an, % 16 ammoo daa’imman umuriin isaanii 14 gadi ta’e ta’uu ibsameera.

Siisay Hayileetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.