Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Shaambuu deeggarte

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Jaappaan sadarkaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Shaambuu ammayyeessuuf deeggarsa laatte.
 
Mootummaan Jaappaan deeggarsa Doolaara Ameerikaa 85,755 kan laate sadarkaa Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Shaambuu ol guddisuufi.
 
Deeggarsichaan manneen 2; tokkoon tokkoon isaanii dareewwan 4 afur qabantu ittiin ijaarrama.
 
Ityoophiyaatti Ambaasaadarri Jaappaan Maatisunaagaa Diyaasuuk biyyi isaanii tumsa misoomaa Ityoophiyaaf taasistu kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.
 
Ambaasaaddarichi Jaappaan bara Faranjootaa 1989 eegalee proojaktoota 400 Ityoophiyaatti hojiirra oolchuu ibsaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.