Fana: At a Speed of Life!

Jilli dhimma miidhaa Godaantoota Ityoophiyaarratti mari’atu gara Saa’ud Arabiyaa imale

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Jilli dhimma miidhaa Godaantoota Ityoophiyaarratti mari’atu gara Saa’ud Arabiyaa imaluu ibsame.
Jilli hoggantoota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa fi qooda fudhattoota biroo keessaa walitti babba’e dhimma miidhaa Godaantoota Ityoophiyaarratti mari’achuuf gara Saa’ud Arabiyaa imaluu himameera.
Garichi hoggantoota olaanoo Saa’ud Arabiyaa dhimmi ilaallatu waliin haala qabiinsa mirga fi lammiilee gara Ityoophiyaatti deebi’uu qaban ilaalchisee marii ni taasiisa jedhame.
Mariin hoggantoota biyyoota lamaanii gidduutti gaggeeffamu lammiilee sanada seera qabeessa hin qabne fedhii isaaniin gara biyyaa deebisuuf adeemsa taasiifamurratti gufuulee jiranii fi bu’aalee argamanirratti bal’inaan kan mari’atan ta’uu himameera.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.