Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalichaa fedhiin talaallii Vaayrasii koroonaa fudhachuuf qaban gadi aanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti ittisa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf talaalliin tolaa mijatus fedhiin Jiraattonni magaalichaa qaban gadi aanaa ta’uu Biiroon Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Biyyoota birootti namni tokko hojiif qacaramuufis ta’e tajaajila barbaadu argachuuf talaallii vaayrasii koroonaa fudhachuun dirqama ta’aa dhufuu hogganaan biirichaa Dooktar Yohaannis Caalaa ibsaniiru.

Haala Muuxannoo kana Ityoophiyaatti hojjiirra oolchuun danda’amurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuuf karoorfatamuu kaasaniiru.

Hanga yoonaatti lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 30 oliif talaalliin vaayrasii kanaa kennamuu eeraniiru.

Jiraattoota magaalichaaf hojiilee hubannoo cimsuu kennuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’atamaa jiraachuu Dooktar Caalaan ibsaniiru.

Taalaallii vaayrasii koroonaa fudhachuun dhibichaan akka hin qabamneef faayidaan isaa olaanaa ta’uu ibsuun, namoota vaayrasichaan du’an keessaa %90 warreen talaallii hin fudhanne ta’uu himaniiru.

Kanaafuu namni umuriin isaa 18 ol ta’e kamuu talaallicha akka fudhatu waamicha taasisaniiru.

Siisaay Geetnattu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.