Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaatti namoota ‘dhufaatii Iyyasuus eegna’ jechuun soomaa turan keessaa afur du’an

Finfinnee, Eebla 6, 2015 (FBC) – Keeniyaatti namoonni ‘barri dhumaa dhiyaatera, hamma Iyyasuus dhufutti ni soomna’ jedhan afur du’anii kaan ammoo laafanii hospitaala galuu Poolisiin biyyattii beeksise.

Namoonni kunneen addunyaan yeroo dhiyootti baddi, Iyyasuus ammoo deebi’ee dhufuuf karaa jira jedhanii midhaan osoo hin nyaatin soomaa akka turan himameera.

Namoonni kunneen guyyootaaf bosona keessa soomaafi kadhatarra kan turan yoo ta’u, “hanga Iyyasuus dhufutti” soomaa jedhee kan itti hime lallabaa Wangeelaa naannoo sanaa ta’uu eerameera.

Nyaata osoo hin nyaatin yeroo dheeraa turuurraa kan ka’e namoota baraaraman keessaa jaha haala yaaddessaa keessa jiraachuu aanga’onni naannichaa eeruu BBCn gabaaseera.

Poolisiin Keenyaa shakkamtoota namoota beelaan du’an duuba jiru jedhaman qorachuu eegaluu ibsameera.

Poolisiin eeruu ummataa isa qaqabeen hordofii taasiseen namoota baayyee dhukkubsatan 15 hospitaala geeffamanii keessaa kan lubbuun hafuu danda’an namoota 11 qofa ta’uu ibseera.

Namoota poolisiin hospitaalaatti geeffamuun lubbuun hafan keessaa muraasni isaanii haala cimaa keessatti argamu jedhameera.

Keeniyaan biyya namoonni amantaa hordofan yoo ta’u, namoonni yoo haala balaafamaa, waldaalee seera maleessoo ta’an hordofuun miidhaaf saaxilaman kun kan jalqabaa miti jedhame.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.