Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee hongeen mudatetti dhibeewwan daddarboo sababa hanqina bishaaniifi nyaataan dhufan ittisuufi to’achuurratti hojjetamaa jira- BFO

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Godinaalee hongeen mudatetti dhibeewwan daddarboo sababa hanqina bishaaniifi nyaataan dhufan ittisuufi to’achuurratti hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.

Kenniinsi tajaajila fayyaa godinaalee hongeen miidhaman keessatti haala gaariin kennamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibseera.

Hojjetoonni exiteenshinii fayyaa hawaasa keessa taa’uun tajaajila yaala fayyaa kenna jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Bokonaa Guutaa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetitti himaniiru.

Keessumaa godina hongeen daran keessatti hammaate godina Booranaatti ogeeyyiin fayyaa wayita hawaasni bakkaa bakkatti socho’u waliin socho’uun tajaajila yaala fayyaa kennaa jiraachuu eeraniiru.

Hospitaalotattis namoota hanqina nyaataan miidhamaniif wal’aansi taasifamaa jiraachuu addeessaniiru.

Dhaabbileen deeggartootaas deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Godinaalee hongeen miidhaman kanneen keessatti daa’imman kumni 180 hanqina nyaataaf saaxilamuu ragaa ogeeyyii fayyaab adda bahuu kaasuun, daa’immaniifi maanguddootaaf nyaanni bifa qorichaan kennamu dhaabbilee garaagaraa waliin ta’uun dhiyaachaa jiraaachuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti rakkoon dhiyeessii kan hin jirre ta’uufi ogeeyyiin fayyaa hanga sadarkaa gadiitti gadi bu’uun hordoffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhibeewwan sababa hanqina bishaaniifi nyaataan dhufan kanneen akka gifiraa darbee darbee koleeraafi dhibeewwan daddarboo biroon mul’achuu ibsuun, wal’aansi taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.

#Oromiyaa #Oromia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.