Fana: At a Speed of Life!

Kiristiyaanoo Roonaaldoon garee biyyaalessaaf yeroo 197 hiriiruun riikkardii haaraa galmeesse

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC) – Taphataan sarara fuulduraa Poorchuugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoon garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa biyyattiif yeroo 197 hiriiruun riikkardii haaraa galmeesseera.

Ga’eessi umrii waggaa 38 Roonaaldoon tapha kaleesssa galgala gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Poorchuugaal Liichinistaayiin waliin taphachuun goolii 4 fi 0n injifateerratti goolii lama galcheera.

Kaleessa taphicharratti hiriiruu isaa hordofee biyyattiif yeroo 197 hiriiruun riikkardii haaraa galmeesseera.

Riikkardii taphataa sarara fuulduraa garee kubbaa miilaa biyyaalessa Kuweeti Kadir Al Muutaawaan qabamee ture fooyyeessuu danda’eera.

Kiristiyaanoo Roonaaldoon bara Faranjootaa 2004 eegalee waggoota 20f tapha biyyaalessaarratti goolii galchuun seenaa addaa hojjechuu danda’eera jedhame.

Tapha idil addunyaarratti galchiiwwan 120 lakkoofsiisuu isaa ibsameera.

Maddi:-Sky Sport

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.