Fana: At a Speed of Life!

Kirkira Lafaa muudateen qabeenyi Doolaara biiliyoona 104tti tilmaamamu barbadaa’uu Turki ibsite

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Kirkira Lafaa Guraandhala 6 biyyattii muudateen qabeenyi Doolaara biiliyoona 104tti tilmaamamu barbadaa’uu Turki beeksifteerti.

Balaa akka kanaa dandamachuun humnaa ol waan ta’eef qaamoleen dhimmi ilaallatu tumsa barbaachisu akka taasiisan Pireezidaantiin Turkii Reesiip Xaayip Eerdohaan hawaasa idil addunyaa gaafataniiru.

Pireezidaanti Eerdohaan sagantaa deebisanii dhaabuun manneen Kirkira lafaan diigaman kuma 319 ol deebisanii ijaaruuf karoorfamuu eeraniiru.

Turkii fi Sooriyaatti lammiilee Kirkira lafaan miidhaman tumsuuf waltajjiin galii walitti qabuu idil addunyaa Biraasilsitti qophaa’uu RT gabaaseera.

Pireezidaanti Eerdohaan wayita rakkoo kanatti qaamoleen tumsa taasisan hunda galateeffataniiru.

Kirkira lafaan muudatee tureen namoonni kumni 51 ol du’uu fi namoonni kumni 105 ammoo miidhaa qaamaaf saaxilamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.