Fana: At a Speed of Life!

Kolleejiin saayinsii fayyaa Yuunivarsiitii Arsii barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 202 eebbisiiseera

Finfinnee, Guraandhala 11, 2015 (FBC) – Kolleejjiin saayinsii fayyaa Yuunivarsiitii Arsii barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture 202 eebbisiiseera.

Barattoota kanneen keessaa 139 dhiira 63 ammoo dubartoota yoo ta’an ogummaawwan kanneen akka faarmaasii,kiliinikaal narsiingii, miid waayifarii, baqasanii yaaluu, anisteezyiyaa fi kanneen biroo walumaagalatti ogummaalee 10’niin kan leenji’an ta’uu eerameera.

Koollejjichi erga hundaa’ee ogeeyyii fayyaa adda addaa 1426 eebbisiisuu eerameera.

Eebbifamtoonnis ogummaa barataniin hawaasa isaanii amanamummaan akka tajaajilanPireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Dhugummaa Addunyaan dhaamaniru.

Yoonaataan Birihaanutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.