Fana: At a Speed of Life!

Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela Balaastkii haala milkaa’aa ta’een dhukaasuu beeksiifte

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2014 (FBC) – Kooriyaan Kaabaa Misaa’eela balaastikii bishaan keessaa haaraa haala milkaa’aan ta’een dhukaasuushee mirkaneessite.

Miidiyaan mootummaa biyyattii KCNA akka ibsetti, misaa’elli haaraa biyyattiin yaale jettu kun teeknooloojiiwwan cimaa qajeelfama to’annoo qabu kan duukaa bu’anii hordofuuf rakkisaa isa taasisu qaba.

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela haaraa saffisi isaa baayyee cimaa ta’eefi fagootti dhukaafamuu danda’an torbanoota dhiyoo keessatti milkaa’inaa yaaluu himaa jirti.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii garuu misaa’ela baalastikii, akkasumas meeshaawwan nukilaraa yaaluu ni dhorka.

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela baalistikii bishaan keessaa gara qarqara Galaana Jaappaanitti dhukaasuu ishee waraanni Kooriyaa Kibbaa jalqaba torban kanaa himee ture.

Kooriyaan Kaabaa misaa’ela kana kan dhukaaste erga torban muraasa dura Kooriyaan Kibbaa meeshaa kana qaba jettee boodadha.

Pyoongiyaang baatii Amajjii darbe meeshaa waraanaa kana kan beeksifte yoo ta’u ”meeshaa waraanaa jabaa addunyaati” jechuun ibsiteetti.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.