Fana: At a Speed of Life!

Laaliigichaan Riyaal Maadriid injifateera

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Laaliigaa Speenin kaleessa taphoonni 3 gaggeeffamaniiru.
 
Riyaal Maadriid, Eebaar keessummeessuun mirgaan galeera.
 
Maadriid galchiiwwan Toonii Kiruus, Sarjiyoo Raamoosii fi Maarseelloon taphicha 3f 1n injifateera.
 
Biigaas, Eebaarif galchii dandamannaa gumaachet ture.
 
Tapha birootin gara Saan Maamees kan imale Atleetiikoo Maadriid, Atleetiikoo Biilbaa’oo waliin tokko qixa ba’eera.
 
Biilbaa’oon galchii IIkar Muunaayin duursuu danda’us, galchii Diyaagoo Koostatiin Atleetiikoo Maadriidin qixa ba’eera.
 
Dirree ofiirratti Osaasuunaa kan keessummeesse Riyaal Soosiyuudaad taphasaa tokko qixaan xumureera.
 
Mikeel Oyaarzaabaal Soosiyuudaadif, Oodriyaan Looppeez ammoo Osaasuunaaf galchii gumaachaniiru.
 
Tapha dheengadda gaggeeffameen Baarseloonaan injifachuun ni yaadatama.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.